Qindoomina bu’uuraalee misoomaa biyyaalessaafi raawwii karoora damee daandiirratti yaa’iin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa naannoleefi bulchiinsota magaalaa akkasumas qaamolee dhimmatoota waliin qindoomina bu’uuraalee misoomaa biyyaalessaafi raawwii karoora damee daandiirratti yaa’ii gaggeessaa jira.

Yaa’ichi mata duree “Bu’uuraalee Misoomaa Qindaa’aa” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon yaa’ichaa hojiilee damichaan sadarkaa federaalaafi naannolee akkasumas bulchiinsota magaalaan adda ba’an irratti  mari’achuun bu’aalee argamaniifi hanqinoota jiran irratti ejjennoo waloo qabaachuun gara hojiitti galuuf ta’uu  Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.

Yaa’ichaan raawwii karoora bara baajataa 2014 irrattis mari’atameera.

Dabalataanis karoora ka’umsaa bara 2015 irratti mari’achuun dhimmoota yeroo itti aanutti xiyyeeffannoon kennamaniif irratti kallattiin kan kaa’amu ta’uu ibsameera.

Qiddist Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment