Qindeessummaa Sagantaa Nyaata Addunyaatiin konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an Maqalee gahan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)-Dhaabbata Mootummaa Gamtoomaniitin kan socho’uu qindeessummaa Sagantaa Nyaata Addunyaatiin konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an Magaalaa Maqalee gahaniiru.

Raabsaan deeggarsichaas torbee kana Kaabaa Lixaa Tigraayiitti kan eegalu ta’uu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksiseera.

Deeggarsichi lammiilee deeggarsa ariifachiisaan barbaachisuu kuma 43 fi daa’immanii fi dubartoota kuma 24 haalaa olaanaan rakkoof saaxilamaniif kan oolu ta’uu ibsameera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaan akka ibseetti, konkolaattonni 50 midhaanii fi boottee boba’aa fe’an nagaan Maqalee qaqqabaniiru.

Konkolaattonni kunneen nyaata, midhaan gabbisaa fi meeshaalee lubbuu baraaraan kan fe’aniidha.

Kanneen keessaas qamadii fi midhaan dheedhii biroon Meetirik Toonii kumni 1 fi  meetirik tooniin 700 ammoo midhaan gabbisaa dabalatee meeshaalee qulqullinati.

Dabalatanis boba’aan leetirri kumni dhibbi 1 fi kumni 15 deeggarsa namoomaa waliin magaalaa Maqalee qaqqabeera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment