Qindeessitoota garee Paablik dippiloomaasii waliin dhimmoota waqtaawaarratti mari’tame

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Dubbii Himaan Ministeera Dhimmaa Alaa fi daayreektarri jeneraalaa Paablik Dippiloomaasii Ambaasaaddar Diinaa Muftiin qindeessitoota garee Paablik dippiloomaasii waliin dhimmoota waqtaawaarratti marii taasiisaniiru.
Dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa fi haala garee kana waliin qindoominaan hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Diinaan hojii dippiloomaasii mootummaan gaanfa Afrikaa fi haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti hojjechaa jiru ilaalchise ibsa taasiisaniiru.
Ambaasaaddar Diinaan haala qabatamaa laffara jiru hawaasa idil addunyaa fi ummata biyyoota ollaa hubachiisuuf gareen Paablik dippiloomaasii sosochii irraa eeggamu akka taasiisan gaafataniiru.
Mootummaan gama isaan haala jiru garichaaf odeeffannoo laachuu fi hojii qindeessuu kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Miseensonni qindeessitoota garee Paablik dippiloomaasii gama isaaniin haala Ityoophiyaa keessa jiru ilaalchisee hawaasni alaa odeeffannoo sirrii akka argatan gargaaruu fi imala jijjiirramaa eegalame itti fufsiisuuf qaamni hundi hirmaachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Ministeerri Dhimma alaa gareen kun qooda isaa akka ba’u hojii qindeessurratti harkifateera jedhan.
Yeroo itti dirqama irraa eegamu ba’uuf waadaa galaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa garicha qindeessuuf deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment