Qindeessaan muuziqaa Kumalaa Malaakuu Tagany boqate

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) –Qindeessaan muuziqaa Kumalaa Malaakuu Tagany boqate.

Kumalaa Malaakuu Tagany muuziqaa Artiist Xilaahuun Gassasaa, Mahaammuud Ahimad, Bizuunash Baqqalaa dabalatee sirboota artiistota biroo qindeessera.

Kumalaa Malaakuun garee muuziqaa “Kibuur Zabanyaa” keessattis tajaajileera.

Ogeessi muuziqaa kun dhalatee umriisaa waggaa 75ffaatti kaleessa boqateera.

Sirni awwaalcha isaas har’a sa’aa 9tti bataskaana Gabreelii “Misraaq Tsahaayitti” gaggeeffama.

Comments (0)
Add Comment