Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Obbo Baahiruu Habtee, jiraataa Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Qarsaa Maallimaati.
Obbo Baahiruun wayitaa ayyaanni qillee ga’uu taateewwan ayyaanichaarratti kabajaman keessaa taphni qillee tokko akka ta’e muuxannoo ijoolluummaa isaaniirraa ka’uun waan yaadatan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetti himaniiru.
Obbo Baahiruun akka jedhanitti taphni qillee abaabilee akaakilleerra eegalee taphatamaa tureera.
Taphoota aadaa keessaas daran jaalatamaa fi dargaggoonni gahumsa isaanii kan irratti calaqqisiisan, guyyaa hawwii olaanaadhaan eegamuudha jedhu.
Obbo Baahiruun akka eeranitti, taphni qillee dirree bal’aa kiiloomeetiraa 3-4 ta’urratti akka taphatamu eeru.
“Dirreen tapha Qilleetiif tahu baldhaatu jira. Dirree kanarras wagga waggaadhaan taphni qillee kun ni taphatama. Yeroo sanatti akka yeroo ammaa kana ammayyaa’e osoo hintaane fiiganii, burraaqanii taphatu. Seerri tapha kanaaf ba’e waan hinjirreef ijoo qillee (buruurii) qilleensaarras lafarras rukutuun taphatama” jechuun waan keessa darban yaadatu.
Taphichi dargaggoota irre jabeeyyii ta’aniin kan taphatamu akka ta’ee eeruun qilleen gita jedhama jedhu.
Humnaan kan dabaalame ta’uurraan kan ka’e ijoon qilleen ittiin taphatamuu ija, ilkaan fi iddoo biroollee rukutee miidhaa geessisuu akka danda’u ibsaniiru.
Ta’us, namni haloo walitti qabatu akka hinjirre, namni rukutamee miidhamu taphichi itti fufee akka taphatamu kaasu.
Gareen injifate kan beekamu daangaa dirree tapha qilleerratti daangeffameerra ijoo qillee sana rukutuun garee daangicha ceesisetu injifataa jedhama jedhan.
Gareen injifatees dhumarratti ijoo qillee sana fudhatee akka galu ibsu Obbo Baahiruun.
Aadaan kun yeroo ammaa dimimmisaa’aa jirachuu kan eeran Obbo Baahiruun, darbee darbee bakkoota tokkoo tokkotti aadicha kan sirriitti taphataan jiru jedhu.
Instiraaktar Asfaawu Zallaqaa Abbaa Murtee yookaan taphachiisaa tapha qilleeti.
Isaaniis taphni qillee dirree bal’aarratti akka taphatamu, baay’inni namoota taphatanii daangaa akka hinqabne yaadaa Obbo Baahiruun kaasaniirratti waliigalu.
Bara 1967 qorannoo taphoota Ispoortii 293’rratti gaggeeffameen tapha qillee dabalatee taphoota ispoortii 11’f seerri akka ba’e kaasu.
Amma jedhu Instiraaktar Asfaawu, gareen tokko namoota 15 galmaa’anii dhiyaatan keesssa 10 gara dirree seenanii yoo taphataan 5 eeggattoota ta’u.
Warreen 10 keessaa ammo 1 karraa eegaadha jedhu.
Dirreen tapha qillees haala ammayyaa’een oleen, meetira 100 fi dalgeen isaa ammoo meetira 50 akka ta’e kaasuun, karri goolii dalgeen meetira 3 hojjaan isaa meetira 1 jedhu.
Karri goolii gabaabaa waan ta’eef yeroo baay’ee karaa eegaan taa’ee akka eegu eeranii, seeroonni tapha qillee hedduun seeroota tapha kubbaa miilaan akka walfakkaatu dubbatu.
Dur ijoon qillee tilmamaan mukarraa akka hojjatamu himuun amma garuu pilaastikarraa ulfaatinni isaa ulaagaa beekameen hojjatama jedhu.
“Buruuriin qillee kun ulfaattinni ishee giraama 100. Uleen ittin taphatamus seentii meetira 80 yoo ta’u, ulechi gara oliitti qabannaaf akka tolutti qixeeffamee, gara gadiitti ijoo qillee ittiin rukutuuf akka tolutti bal’inni isaa seentii meetira 10-20ti” jedhu Inistiraaktar Asfaawu.
Taphni kun yeroo ammaa taphoota ispoortii aadaa keessaa daran isa jaalatamaa akka ta’es kaasu.
Dajanuu Gonfaatiin
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.