Qellemitti pirojektiiwwan jallisii Birrii biiliyoona 1.8 oliin ijaaramaa jiran keessaa 9 xumuraman

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Godina Qeellem Wallaggaatti pirojektiiwwan jallisii 13 Birrii biiliyoona 1.8 oliin hojjetamaa jiran keessa 9 xumuramuun ibsame.

Pirojektiiwwan kunneen lafa hektaara 750 misoomsuu kan dandaa’anii fi abbootii warraa kuma 2 fi 500 ol fayyadamoo kan taasisuudha jedhameera.

Qonnaan bultoonni hirkattummaa rooba jala ba’anii Bonaa fi Ganna oomishuun dinagdee ofii fi biyyaa ijaaruu akka danda’an kan tumsuudha jedhameera.

Godinichattis hojiin pirojektiiwan jallisii babal’isuu cimee kan uitti fufu ta’uun eeramuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment