Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horrootti Balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo gandoota Akkoo Jirruu, Iluu Kittaayeefi Unee keessatti sigiga lafaa guyyaa har’aa mudateen lubbuun shamarran 3 darbuun ibsameera.

Bulchaan Aanaa Jimmaa Horroo Obbo Yooseef Taarikuu balaa sigiga lafaa mudateen namoota 150 irrattis miidhaan qaamaa cimaa qaqqabuufi manneen 10 guutummaan manca’uu ibsan.

Gandoota sadan keessatti oomishni lafa hektaara 2.5 irratti misoomee tures guutuummaan barbaadaa’uu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment