Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee Sadiitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee sadiitti Balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun Namoota 8 yoo darbu, namoota 4 iira midhaan qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabuu ibsameera.

Balaan kun ganama har’aa tilmaamaan naannoo sa’atii 2:00 qaqqabuu ibsameera.

Konkolataan ummaata Doolfiin jedhamu konkolaataa FSR jedhamu Aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee irraa Sangoota fe’ee gara magaalaa Finfinnee deemaa jiru waliin Aanaa Daallee sadii ganda Marfoo naannoo riqicha Qilee jedhamuutti walitti bu’uun balaa kana qaqqabsiisuu To’ataan Nageenya Tiraafikaa Waajjira Geejjibaa Aanaa Daallee sadii Obbo Aragaa Maangashaan Fbcitti himaniiru.

Galaana Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment