Qeellam Wallaggaatti lafa hektaara kuma 60 irratti qamadii jallisiin misoomsuuf facaasaan eegalame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2016 (FBC) –Godina Qellem Wallaggaatti barana lafa heektaara kuma 60 irratti qamadii jallisiin misoomsuuf hojiin eegalamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Karoora hojii kanaa kan ta’e godinicha Aanaa Daallee sadiitti facaasaan qamadii jallisiin misoomuu eegalameera.

Aanichatti barana lafa heektaara kuma 6 caaluurratti qamadii misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu Bulchaan Aanaa Daallee Sadii Obbo Yohaannis Mangashaa himaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Mul’ataa Waaqjiraa muxannoo bara darbee qindeessuun barana lafa heekitaara kuma 60 misoomsuuf hojiin eegaluu himuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment