Qawwee lafa kaa’uun yaadaan hogganamuu barbaachisa-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Dhimma qawween hogganamuu lafa kaa’uun meeshaa yaadaan hogganamu hidhachuu barbaachisa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Walitti bu’iinsa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti walitti bu’iinsa mumul’atu ilaalchisuun ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin, naannawaa tokko tokkotti walitti bu’iinsi nama ajjeesuu, qabeenya mancaasaan, imalaarraa kan duubatti deebisuu kan mul’atan ta’uu kaasaniiru.

Yeroo hundaa kan barbaachisus nageenyaa ta’uu dubbatanii, hanga har’aatti karooraa fi itti gaafatama mootummaan waraanni gaggeeffame akka hinjirree himaniiru.

“Itiyoophiyaan nuuf laayyoo miti” kan jedhan Dooktar Abiy, yoo nutis qaawwaa uumne qaawwichaa humnonni Itiyoophiyaan akka diigamtu barbadaan kan itti fayyadaman ta’uu yaadachiisan.

“Utii hincuffatiin, yoo suphinee fi hojjenneef Itiyoophiyaan akkuma biyyoota guddatanii biyya guddattuu fi maqaa dhahamuuf ga’umsa qabdudha jedhaniiru.

Ummanni Oromoo fi Amaaraa filmaannii nagaan jiraachuu qaban obbolummaan, eeenyummaa walkabajaa waliin jiraachuu ta’uu ibsaniiru.

Sablammoonni biroonis tokkummaan, waljiraachurraa kan hafee filmaannii biraan qabanii wayyu akka hinjirre dubbataniiru.

Hunda caalaa Doolaaraan walajjeesuurraa yaadaan walfalmuu baraachisa ta’uu kan himan Ministirri Muummee gara nageenyaa, mariitti imaluun filmaata olaanaadha jedhaniiru.

“Yaadni keenyaa dallaa jiru diiguun riqichaa haa ijaarruudha. Yaadni keenya jaalaalaan haa ida’amanu, araaraan haa ceenuudha. Qara ajjeechaa gara nagaatti haa jijjiirru” jedhaniiru.

Hundaaf nageenyi kan wayyu ta’uu dubbatanii, qaamoleen bakkaa bakkatti hidhatanii socho’an nageenyaa tufachuu akka hinqabne imaanaa jedhaniiru.

Dhimma qawween hogganamuu lafa kaa’uun meeshaa yaadaan hogganamu qabachuu barbaachisa jedhanii, kanaaf meeshaa yaadaa maddisisuu filachuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment