Qarqara Galaanaa Yemenitti bidiruun garagaluun lubbuun Itiyoophiyaanoota 16 darbe

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Qarqara Galaanaa Yemenitti bidiruun garagaluun lubbuun Itiyoophiyaanoota 16 darbuun ibsameera.

Lammiileen 28 ammoo achiin buuteen isaanii dhabamuun eerameera.

Kaleessa galgala Bidiruun qarqara Galaanaa Yemen bakka adda “Araa” jedhamurraa Itiyoophiyaanoota godaantoota seeraan alaa 77 feetee Yemenirra gara Jibuutiitti imala turte naannawaa Godooriyaa jedhamuutti garagaluun daa’imman 5 dabalatee lubbuun lammiilee 16 darbuun ibsameera.

Hanga ammatti godaantoonni 28 achii buuteen isaanii kan dhabame yoo ta’u, godaantoonni 34 immoo lubbuun baraaramuun, deeggarsi taasifamaafii jiraachuu ragaan Jibuutitti Embaasii Itiyoophiyaarra argame ni mul’isa.

Torbe lamaan dura haaluma walfakkatuun lubbuun godaantoota 38 darbuun ni yaadatama.

Lammiileen faddaaltoota seeraan alaarraa of eeguun lubbuu isaanii akka baraaranii fi qaamoleen haqaas daddabarsi seeraan alaa namootaarratti qaamolee bobba’an irratti tarkaanfii barbachisuu akka fudhatu Embaasichi waamicha dhiyeessera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment