Qamadiin, Zayinni, Sukkaarrii fi Ruuziin qaraxaa fi taaksiirra bilisa akka ta’an murtaa’e

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)-Dhiibbaa qaala’insi jireenya hawaasaarra gahaa hir’isuuf Qamadiin, Zayinni, Sukkaarrii fi Ruuziin qaraxaa fi taaksiirra bilisa akka ta’an murtaa’eera.

Paastaan Makaaroonii fi Killee dabalatee kanneen biroorra taaksiin akka irra ka’uu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Ministir deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaliny ibsa laataniin, shaqaxoota murteessoo ta’aan irratti fooyya’insii qaraxaa fi taaksii taasifamuu himaniiru.

Ibsa isaaniin Paastaa fi Makaroonii qaraxni gumurukaa akka jiruutti ta’ee taaksiin dabalataa akka irraa ka’uu murtaa’uu himaniiru.

Oomishaaleen qamadii, zayita, sukaraa fi ruuziin bittaan biyyaa keessaa ta’e alaa wayita raawwatamu qaraxaa kamirrayyuu bilisa akka ta’uu murtaa’eera jedhan.

Har’arra eegale manneen hojii isaan ilaallatuu fi qamolee raawwachiisaniif qajeelfamni darbu kaasaniiru.

Tigisti Abrihaamtu gabaase.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment