Qamadii ofiin oomishnee malee gargaarsaanis ta’e bittaan alaa galchuu dhiisuun birmadummaa nyaataa keenya kabachiisuu qabna-Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC)- Qamadii ofiin oomishne malee gargaarsaanis ta’e bittaan alaa galchuu dhiisuun birmadummaa nyaataa keenya kabachiisuu qabna jechuun Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dubbatan.

Jillii Dooktar Girmaan Amanteen durfamu naannoo Amaaraa Gdinaa Goojjam Lixaa Aanaa Achaafaritti qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwataniiru.

Dooktar Girmaan warraaqsa oomisha qamadiin birmadummaa nyaataa kabachiisuu qabna jedhaniiru.

Qamadii ofii keenyaa oomishnee malee, seenaan gargaarsaanis ta’e alarraa bituun soorachuu jijjiiramuu qaba jedhaniiru.

Daawwannicharratti qondaaltonni hojii mootummaa naannolee fi federaalaa argamuu AMC gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment