Qamadii kilaasteraan misoomsuun bu’aa gaarii argamsiisaa – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Garbuun Kilaastera jallisiin misoomaa jiraachuu himameera.
 
Naannoo Oromiyaa, aanaa Jiddaatti kilaastera jallisiitti fayyadamuun Garbuun misoomaa jiru bu’aa abdachiisaa argamsiisuu isaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
‘Haala kanaan qamadii kilaasteraan oomishuun isa alaa galu bakka buusuuf humna qabna’ jedhan.
 
Sadarkaa biyyaatti haala ammaa aanaa Jiddaatti oomishame kanaan hojjennaan qamadii alaa galchuun seenaa ta’ee hafa jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
 
Aanichaatti qonnaan bultoonni sagantaa seefti neetiin gargaarramaa turan Garbuu Biiraa fi Nyaataa lafa hektaara kuma 2 fi 800 irratti misoomsaa jiraachuu himameera.
 
Haaluma walfakkaatuun hojiin gabbisa horii dargaggoota aanichaan hojjetamaa jiru jajjabeessa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment