Qamadii jallisii boneen misoomerraa hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 90 argame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Qamadii jallisii boneen misoomerraa hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 90 argamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.

Ministeerri Qonnaa raawwii hojii baatiwwan kurnan darbanii kan bara 2016 qorateera.

Bara 2016 Qonna Qamadii Jallisii Boneen lafa hektaara miiliyoona 3 irratti misoomerraa callaa kuntaala miiliyoona 120 argachuuf karoorfamee hojjetamaa turuu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Baatiwwan kurnan darban keessaa lafa hektaara sanyiin uwwifame miiliyoona 2.97 irraa hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 90 ol argamuu gamaaggamichaan ibsameera.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf Biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa biiliyoona 6.5 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti biiliyoona 7.5 qopheessuun danda’amuu Dooktar Girmaan eeraniiru.

Qonna Arfaasaan lafa hektaara miiliyoona 3.1 sanyiin uwwusuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri miiliyoonni 2.9 sanyiin uwwifamuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment