Qamadiin gareen shororkeessaa ABUT waraanaaf fayyadamuuf ture ummataaf raabsame

Finfinnee, Onkololeessa18, 2015 (FBC)- Qamaadiin gareen shororkessaa ABUT mankuusaatti walitti qabuun waraanaaf fayyadamuuf ture ummataaf raabsameera.

Naannawaa garee shororkeessarra walaba bahanitti Raayyaan Ittisa Biyyaa qamadii gareen ABUT waaranaaf fayyadamaa ture ummataaf raabsuun eerameera.

Jiraattonni garee shororkeessaa ABUT jalaa walabooman, Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya ummataa eeguu fi kaayyoo waraanaaf oolchuuf ture midhaan deeggarsaa raabsuufiitti gammaduu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Ijaarsa Xiinsammuu Ajaajichaa akka ibsanitti, Raayyaan Ittisaa jiraattota Magaala Koramiif midhaan deeggarsaa raabsuun gochaa ummataaf qaqqabaa ta’uu raggaasiseera jedhame.

Itti Gaafatamtichi dabalataan juntaan maqaa deeggarsa namoomaan qamadii Naannoo Tigiraay galu mankuusaatti walitti qabuun raayyaa waraanaa isaaf oolchaa kan ture Raayyaan Ittisaa to’achuun qamadii kuntaala 120 jiraattotaaf qooduun aantummaa ummataa argisiisuu mirkaneessuun ibsameera.

Jiraattoonnis hojii gaarii Raayaaan Ittisa Biyyaa hojjete galateeffachuun, sababa garee shororkeessaa ABUT’n beelaaf saaxilamuu himuu ragaan Raayya Ittisaa Biyyaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment