Qalma beelladaa raawwatamurratti eeggannoon akka taasifamu akeekame

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)-Ayyaanota hordofuun qalma beelladootaa raawwatamurratti eeggannoo akka taasifamu Ministeerri Qonnaa hubachiise.

Bu’aawwan Itiyoophiyaaf sharafa alaa argamsiisan fi carraa hojii hedduu uuman keessa Gogaa fi Kalleen tokko ta’uu ministeerichi eerera.

Itiyoophiyaatti waggaatti giddugaleessaan gogaa horii gaanfaa miiliyoona 2.87, gogaa hoolaa miiliyoonni 8.75 fi gogaa re’ee miiliyoonni 8 akka oomishamu beeksiseera.

Kana keessaa gogaan Sangaa %51, kal’een Hoolaa %83 fi kal’een Re’ee %63 qofti, warshaa galuun qindaa’ee gabaa biyya keessaa fi alaatti ergamuun sharafa argamisiisaa jiraachuu himeera.

Hanqina eeggannoon yeroo qalmaa uumamuun qulqullinni gogaa hir’atuuf yeroo qalmaa eeggannoon cimaan taasifamuu akka qabu ministeerichi hubachiisuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment