Qajeelfamoonni vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’aan hojiirra akka olaaniif qaamoleen seeraa kabachiisaan to’annoo akka taasisan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC) – Qajeelfamoonni vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’aan hojiirra akka olaaniif qaamoleen seeraa kabachiisaan to’annoo akka taasisaniif Ministeerri Fayyaa waamicha dhiyeesseera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan haala waqtaawaa vaayrasii koroonaan ilaalchisuun miidiyaaleef ibsan laataniiru.

Talaalliin Covid-19 ogeeyyii fayyaa, qaamolee saaxilamoo fi  namoota umriin isaanii waggaa 65 ol ta’aniif dursa laachuun kan kennemu ta’uu ibsaniiru.

Hanga baatii Muddee bara 2014tti lammiilee Ityoophiyaa % 20f kennuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Talaalliin ittisa Vaayrasii koroonaa ‘Koovaaksiin’ ogeeyyii fayyaa, qaamolee saaxilamoo fi namoota umriin isaanii waggaa 65 ol ta’aniif dursa laachuun itti fufiinsaan kennama jedhan Dooktar Liyaan.

Torbee tokko keessatti namoota qorataman Dhibba keessaa namoonni 17 vaayrasichaaf kan saaxilaman ta’uun himameera.

Dhaabbilee amantaa keessatti dagannaan muul’atu jiru yaaddessaa ta’uu ibsaniiru.

Guyyoota 10 darbanitti qorannoo laabraatoorii taasifameen namoonni kumni 12  vaayrasichaan qabamuu fi lubbuun namoota149 darbuu Dooktar Liyaan eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

 

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

 

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment