Qajeelfamni Simmiintoo ba’ee sirnaan hojiirra olaa hinjiru-MDWHN

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Raabsii fi gabaa simmiintoo murteessuuf qajeelfamni lakkoofsa 940/2015 ba’e, sirnaan hojiirra oolaa akka hinjirre Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse.

Ministirri Ministeerichaa Gabiremasqal Caalaa rakkoolee raabsaa fi gabaa simmintoo mul’achaa ture hambisuuf qajeelfamni ba’ee hojiirraa oolaa jiraatus rakkinichi furamaa jiraachuu dhabuu kaasaniiru.

Dhimmicha ilaalchisuun oomishtootaa fi raabsitootaa waliin mari’atamera.

Maricharrattis Obbo Gabiramasqal akka jedhanitti irraa jireessaan raabsitootaaf walitti hidhamiinsi kan hinuumamne ta’uu, warshaaleen tokko tokkoo qajeelfamicha kabajuu dhabuu, giddu seentummaa faddaaltotaa, adeemsi hojii walfakkachuu dhabuu, raabsitoonnii fi gurgurtoonni qinxaaboo kan walhinbeekne ta’uu, daldalli nagahee malee gaggeeffamu babal’chuun rakkoolee eeramaniidha.

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo simmiintoo waldaa oomishtootaan akka murtaa’u taasifamuu hordofee Finfinnee fi naannawaa isheetti Birrii kuma 1 fi 200 akka hincaallee taasifamus, qorannoo gaggeeffameen kuntaalli tokko hanga Birrii kuma 1 fi 850tti gurguramaa jiraachuu ibsameera.

Qajeelfamni kunis hojiirra oolfamuun jalqabbii gaarii ta’us, warshaaleen tokko tokko raabsitoota seeraa qabeeyyiif kennuu diduun akka mul’atu hirmaattonni maricha kaasuu fi kunis furmaata argachuu akka qabu ibsaniiru.

Oomishtoonni gama isaaniin, sababa garaagaraan dandeettii isaaniin gadi oomishaa jiraachuu, fedhii fi dhiyeessiin walmadaaluu dhabuu eeruun oomishtoonni hunduu hanga barbaadame dhiyeessuu akka hindandeenye kaasaniiru.

Rakkoolee sirna raabsaa fi gabaa simmintoorratti mul’atu hambisuuf waloon hojjechuu akka barbaachisu waltajjicharratti ka’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment