Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)-Qajeelfamni misoomaa fi galii oomisha bunaa Ityoophiyaa fooyyessuu danda’u qophaa’uu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa beeksise.
Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dooktar Adugna Dabalaa qajeelfamichi dhiyeessii fi gabaa qaamolee fuuncaa sonaa damechaa fooyyessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Teeknooloojii fi bu’aalee kalaqaan kan deeggaramuu fi tooftaalee hojmaataa bittaa fi gurgurtaf barbaachisoodha jedhaman kan hammate ta’uun bu’a qabeessummaa caalu kan qabu ta’u eeraniiru.
Qajeelfamni qophaa’e qooda fudhattoota waliin walta’insa fuuncaa sona bunaa keess cimsuu fi galii daldala bunaarraa aragmu dabaluuf kan umsu ta’uu ibsaniiru.
Namoota misooma bunaa irratti bobba’aniif leenjii kennuu fi dorgomtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf qajeelfama faayidaa qabu ta’uu ibsaniiru.
Galii Ityoophiyaan misooma bunaa irraa argattu guddisuuf walitti hidhamiinsa daldala sadarkaa Ardii cimsuu fi buna sonnii itti dabalame gabaa alaaf dhiyeessuuf tattaffii taasifamu kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.