Qajeelfamni misooma Invastimantii haaraan hojiirraa oole

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) –Sochii misooma Invastimantii caalmatti cimsuuf dambii haaraan ba’ee hojitti galamuu Komishiiniin Invastimantii Naannoo Oromiyaa beeksise.
 
Misooma Invastimantii bu’a qabeessa taasisuuf qajeelfamni dambii haaraa boordiin mirkanaa’ee hojitti galamuu isaa Komishinarri Komishinii Invastimantii Oromiyaa obbo Hayluu Jaldee dubbataniiru.
 
Dambiin haaraan hun karaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa fayyadamaa taasisuu danda’uun qophaa’uu isaa Obbo Hayluun himuun, Abbootii qabeenyaa sadarkaan jiran hojitti galchuuf xiyyeefannoon ni hojjetama jedhan.
 
Qajeelfamichi facaatii tajaajiltummaa seektaroota garagaraa keessatti argaman gara tokkootti fiduun dhimmamtoonni tajaajila iddoo tokkoo akka argataniiif haala kan mijeessu ta’uu ibsaniiru.
 
Qonnaan Bulaa fi Horsiisee Bulaa karaa liizii fi kiraa irraa bilisa ta’een gara Invastimantiitti galchuu fi lafti Qonnaan bulaa invastimantiif kan barbaadamu taanaan karaa qonnaan bulaan fayyaadamuu danda’uun akka raawwatu dambicha keessatti ka’ameera jedhame.
 
Walitti qabaan koree Ooditii Invastimantii fi hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalees,invastimantii karaa sirrii ta’een hojitti galchuun sochii diinagdee fooyya’aa ta’e fiduuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
 
Invastimantii guddina diinagdeef bu’ura ta’uu fi qonnaan bulaa fayyadamaa taasisu mirkaneessuuf yeroo kamuu caalaa qindoominaan hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Qajeelfamichi abbootii qabeenya biyya keessaaf harka 90 carraa kan laate ta’uu Obbo Dhaaban dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment