Qajeelfamni Dizzaayina Daandii Magaalootaa ifoome

Finfinnee, Sadaasa 14, 2017 (FBC) – Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii Inistiitiyuutii Imaammata Misooma Geejiba Idil Addunyaa waliin ta’uun Qajeelfama Dizzaayina Daandii Magaalootaa ifoomsaniiru.

Simpooziyeemiin Agarsiisa Idil Addunyaa “Ethio Green Mobility’ 2024 Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Qajeelfamni Dizzaayina Daandii Magaalootaa Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii Inistiitiyuutii Imaammata Misooma Geejiba Idil Addunyaa waloon qopheessaan ifoomeera.

Qajeelfamni Dizzaayina Magaaloota Itiyoophiyaa kun misooma koriidarii magalootaa yaada keessa galchuun kan kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dheengee Boruun ,Itiyoophiyaatti Geejjiba Magariisaa babbal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment