Qajeelfammni daldala kallattii midhaanota dheedhii fi zayiitaa ragga’e

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC)- Qajeelfamni daldala kallattii midhaanota dheedhii fi zayiitaa lakkoofsa 1026/2017 ragga’e.

Ministirri Ministeeraa Daldalaa Fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Gofeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, raawwii daldala alaa midhaanota dheedhii fi zayiitaa bara 2017’tti fooyyessuun damichaan galii Doolaara miiliyoona 750 ol argamsiisuuf hirmaannaan taasifamaa jira.

Tattaaffii taasifamaa jiru tumsuuf qajeelfamni daldala kallattii midhaanota dheedhii fi zayiitaa lakkoofsa 1026/2017 ragga’uu ibsaniiru.

Qajeelfamichis gufuuwwan daldalaa damichaarratti mul’achaa turan furuun cinaatti baasii hir’isuu, waliingahiinsaa fooyyeessuu, fuuncaa gabaa gabaabsuu fi dorgomtummaa daldala alaa kan mirkaneessu ta’uu himaniiru.

Kanaafis ergitoonni haala mijataa umamee fayyadamuun damicharratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment