Qajeelfamaa fi dambii Daandii Qilleensichaa hojiiraa oolchuun barbachisadha- Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC)-Qajeelfamaa fi dambii hojjettoonni Daandii Qilleensaa dabarsan fudhachuun hojiiraa oolchuun barbaachiisa ta’uu Abbaan Taayitaa Siiviil Aveeshinii Itiyoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa dirqamaa fi naamuusa imaltoonni geejjiba qilleensaa hordofuu qabanirratti ibsa kenneera.

Hojii ijoo Abbaan taayitichaa raawwatu keessaa nageenya balallii mirkaneessuu fi to’annoo taasiisuu ta’uu ibseera.

Hojiileen to’annoo kunneen hojmaata idil Addunyaa irratti kan hundaa’ee fi ulaagaa Siiviil Aveeshinii Idil Addunyaan kaa’ame bu’uura taasifachuun kan gaggeeffamu ta’uun eerameera

Nageenya balallii mirkaneessuun Itti gaafatamummaa Daandii qillensaa qofa osoo hin taane kan imaltootaas ta’uun ibsichi eereera.

Haaluma kanaan imaltoonni dambii fi qajeelfama hojjetoota daandii qilleensichaan darbu hojiirra oolchuun akka qaban ibsamu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni m ul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment