Qajeelfama tajaajila bobbii hojii biyya keessaa ejensiiwwan quunnamsiistuu hojiifi hojjetaa dhuunfaa irratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015(FBC)- Qajeelfama tajaajila bobbii hojii biyya keessaa ejensiiwwan quunnamsiistuu hojiifi hojjetaa dhuunfaa ilaalchisuun ba’eratti mariin gaggeeffamaa jira.

Maricharratti Ministir Deetaa Ministeera Hojiifi Ogummaa obbo Nugusuu Xilaahuun dabalatee bakka buutonni ejensiiwwan garaagaraa hirmaachaa jiru.

Dameen dhuunfaa carraa hojii uumuu keessatti ga’ee olaanaa ba’achuu obbo Nugusuun ibsuun, mootummaan carraa hojii uumuu damee dhuunfaaf haala mijataa uumaa jiraachuu kaasaniiru.

Mirgi hojjechiistotaafi hojjettootaa akka eegamuufi dirqama isaanii akka ba’ataniif hariiroon qaama lameenii akka milkaa’uuf haala mijataa uumuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Mirgi, faayidaaniifi nageenyi hojjechiisaafi hojjetaa eegamuu akka qabu kaasaniiru.

Hojjechiistota waliin hojjechuun faayidaa olaanaa qabaachuu eeruun, rakkoolee damicharratti mul’atan hambisuuf mariin har’aa kun shora olaanaa qabaachuu addeessaniiru.

Marichi gara fuula duraatti bobbii hojii biyya keessaarratti maaltu ta’uu qaba dhimma jedhurratti waliigalteerra ga’uuf kan taasifamu ta’uus ibsaniiru.

Rakkoo hojii dhabdummaa jiru furuuf ejensiiwwan qindeessuun hanga bara 2017’tti lammiilee miiliyoona 14’f carraa hojii uumuuf karoorfamuu eeraniiru.

Yismuu Adaraawufi Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment