Qajeelchi olaanaan Gamtaa Loojastiiksii Raayyaa Ittisaa waraana gaggeeffamaa ture keessatti qooda bakka bu’iinsa hin qabne ba’eera – Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Miseensota Gamtaa Loojastiksii Raayyaa Ittisaa duula gaggeeffame keessatti raawwii hojii olaanaa galmeessaniif beekkamtii fi Guddinni sadarkaa laatameera.

Sirna kanarratti kan argaman Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan qajeelchi olaanaan Gamtaa Loojastiiksii Raayyaa Ittisaa waraana gaggeeffamaa ture keessatti qooda bakka bu’iinsa hin qabne ba’uu mirkaneessaniiru.

Duula gaggeeffame keessatti bu’aa olaanaa galmeessuu ibsaniiru.

Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan,duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu osoo hin eegaliin dura miseensonni shororkeessitootaa qajeelchicha keessatti kuufamuun hojii deeggarsaa gufachiisuuf shira xaxaa turuu eeraniiru.

Yaa ta’uutii hoggantoota Qajeelcha loojastiksii yeroo gabaabaa keessatti shiricha fashaleessuun qajeelchicha akka haaraatti gurmeessuun ergama itti laatameef qopheessuun bu’aa olaanaa galmeessaniiru jedhan.

Hoggantoota kanneen galateeffachuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment