Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Qajeelchi yeroo ariifachiisaa raawwii qajeelcha galmee meeshaalee waraanaa kana dura ba’e ture gamaaggameera.
Naannolee hundaatti meeshaaleen waraanaa hedduun galmaa’uu eeruun, milkaa’ina isaaf gumaacha hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa taasiisan galateeffataniiru.
Gaaffii ummataa bu’uura taasiisuun yeroon galmee irra deebiin akka dheeratu barbaachisaa ta’uu gamaaggama isaan ilaaleera.
Haaluma kanaan Sadaasa 30, 2014 eegalee guyyoota walitti aanaan 15f yeroon galmee meeshaalee waraanaa akka dheeratu murteesseera.
Qajeelchi poolisii sadarkaan jiru hundi murtoo kana akka raawwachiisuu ajejeera.
Qajeelfamni kun sochii qaamolee nageenyaa adda waraanaatti argaman kan hin ilaallanne ta’uu ibseera.
Ibsa Qajeelcha Labsii yeroo ariifachiisaa lakkoofsa 5.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.