Qajeelchi ajeja labsii yeroo Ariifachiisaa walga’ii gaggeesseen raawwii labsichaa gamaaggameera

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC) – Qajeelchi ajeja labsii yeroo Ariifachiisaa walga’ii gaggeesseen raawwii labsichaa gamaaggamuun ajeja dabarsuu ibseera..

Injifannoon adda waraanaatti argame kutaaleen hawaasaa garaagaraa, humna, qabeenya, ogummaa, beekkumsaa, maallaqaa fi kanneen biroo osoo hin sassatin biyya isaaniif laachuun injifannoo argame ta’uu ibseera.

Hirmaannaa olaanaa hawaasni taasiiseefis galateeffateera.

Qajeelchi Ajeja labsii yeroo ariifachiisaa bu’aa argame waaraan mirkaneessuu fi amansiisaa taasiisuuf hojiilee dandeessisan hojjechaa jiraachuu himeera.

Haaluma kanaan hojiilee hawaasni,qaamoleen bulchiinsaa fi nageenyaa raawwachuu qaban adda baasuun ajeja armaan gadii dabarseera.

1.Qaamoleen tokko tokko rakkoo ummatarraa fayyadamuu barbaadan, diyaaspooraa gara biyyaa galaa jiran sababa godhachuun daballii gatii sababa hin qabne taasiisaa jiraachuu irra ga’ameera. Qaamolee sababa malee meeshaalee bu’uuraa fi tajaajila diinagdeerratti daballii gatii hin malle taasiisaanii fi seeraan ala kuusaan irratti Biirooleen Daldalaa fi qaamoleen nageenyaa tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan ajejeera.

2. Iddoolee garee shororkeessaa jalaa bilisoomaan deebisanii ijaaruu fi rakkoolee bu’uuraa hawaasaa furuuf sochiin taasiifamu haala walfakkaataa ta’een raawwatamaa akka hin jirre gamaaggamichaan hubatameera. Naannoo Amaaraa iddoolee kanneenitti bulchiinsi ga’umsa qabu saffisaan akka gurmaa’u, humni poolisii idilee haala cimina qabuun gurmaa’uu akka eegalu, iddoolee kun raawwatamuu hin dandeenyetti raayyaan ittisaa naannicha keessa socho’u qaamolee iddoolee bilisoomanitti rakkoo nageenyaa uumanirratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu ajejeera.

3. Iddoolee Gareen shororkeessaa ABUT weeraree turetti caasaalee seeraan ala gurmaa’aniin, chaappaalee bulchiinsi dura ture itti fayyadamaa ture fayyadamuu fi haaraa seeraan ala maxxansuun waraqaa seeraan alaa laachuu, sanadoota garaagaraa qopheessuu irra ga’amuu ibseera.Yaa ta’uutii Bulchiinsi hundaa’uu fi Qaamoleen nageenyaa chaappawwan, waraqaa eenyummaa fi sanadoota biroo garichaa akka dhabamsiisaan ajejeera.

4. Daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa fi kanneen diinni harcaasee deeme hedduminaan jiraachuu isaan nageenyaa fi tasgabbii ummataaf sodaa akka ta’u bira ga’amuu ibseera.kanaaf Humni addaa fi Poolisiin saffisaan seera akka qabsiisan ajeera.

Iddoolee humnoonni kunneen haalaan hin gurmoofneetti raayyaan Ittisaa tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatu ajejeera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment