Qajeelchi Ajaja Waliigalaa labsii yeroo ariifachiisaa hojii olaatumma seeraa kabachiisuu cimsee itti fufu beeksise

Finfinnee, Hagayya 20, 2015 (FBC) –Qajeelchi Ajaja Waliigalaa labsii yeroo ariifachiisaa haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laateera.

Naannoo Amaaraatti hoggansa haaraaf haala mijataa uumuuf hojiin olaatumma seeraa kabachiisuu cimee itti fufuu ibseera.

Naannichi garee finxaaleyyii fi saamtootarraa qulqulleensuun gara sochii idileetti deebi’aa jiraachuu ibseera.

Nageenyi waaraan argamuu hordofee manni maree naannichaa yaa’ii Ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 2ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu ibseera.

Rakkoolee naannichaa hundeerraa furuuf bulchiinsi naannichaa bifa haaraan gurmaa’uu qajeelchichi himeera.

Manni marichaa haala waqtaawaarratti erga mari’atee booda rakkoo naannichaa waaraan furuuf bulchiinsi irra deebiin akka gurmaa’u murteessuu himeera.

Haaluma kanaan Pireezidaantii fi miseensota kaabinee haaraa filachuu ibseera.

Naannichi bala itti agaamamee ture keessaa ba’uun haala amma jirurra ga’uu isaa Qajeelchi Ajaja Waliigalaa labsii yeroo ariifachiisaa gammachuu guddaan itti dhaga’amuu ibseera.

Qajeelchichi tattaaffiin olaatumma seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment