Qabxii Gaarii galmeessuun maqaa Ityoophiyaa addunyaarratti waamsiisuuf qophoofneerra – K/A Daraartuu Tulluu

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Olompikii Tookiiyoorratti qabxii gaarii galmeessuun maqaa Ityoophiyaa addabaabayyii Addunyaa irratti waamsiisuuf qophoofneerra jedhan Preezdaantiin Federeeshinii Atleetiksii Itoophiyaa Koomandar Daraartuu Tulluun.
Waldorgommi Olompikii Tookiiyoo 2020 jalqabuuf guyyoota 10 hafu kanatti Ityoophiyaan dorgoomii Atleetksii, Tookaandoo ,Bishaan fi biskileetiin kan hirmaatu ta’uu himameera.
Dorgoomii gama Atleetiksiin meetiraa 800 hanga maaraatoonniitti qabxii gaarii galmeessuuf qophii hundaa taasisuus Koomandar Daraartuu Tulluun himaniru.
Olompikii Tookiiyoo bakka itti gootichii Abbabaa Bikilaa meedayiil warqee lammaffaa argatee waan ta’eef, Ityoophiyaaf seenaa addaa qabas jedhan.
Atleetoonni Ityoophiyaa bakka bu’uun iddoo seenaa kanatti dorgoomanis, qabxii seenaa hojjetamee kana madaaluu galmeessuuf qophii ta’uus himan Koomaandaar Daraartuun.
Atleettoonni sababa vaayraasii koroonaatin dorgoomicha irra akka hin haqamneefis of eeggannoon barbaachisaa taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Qindeessaan garee Leenjistoota meetiraa kuma 10fi kuma 5 leenjisaa Huseen Shiboo, atleetoonni Ityoophiyaa bakka bu’aan kunneen qophii ga’a taasisuu himaniiru.
Dabalatanis Atleettoonni Olompikii Tookiiyoo hirmaataan kunnen baatii saddeetiif shaakkalli taasisaa turus ibsaniiru.
Atleetoonni Olompikii Tookiiyoorratti hirmaataan qabxiii gaarii galmeessissuuf kan hojjetaan ta’uus himaniiru.
Jila Olompikii Tookiiyoorratti hirmataaniif har’aa sirni gaggeessa ni taasifamaas jedhame eeggama.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment