Qabxii gaarii galmeessuuf karoorfadheen qo’achaa ture, milkaa’eeras – Barattuu Hanan Najjii

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Qormaata kutaa 12ffaan qabxii gaarii galmeessuuf akkuma karoorfattee qophaa’aa turte milkaa’uu isheetti gammaduu Barattuu Hanan Najjiin ibsite.

Barattuu Hanan Najjii Ahimad qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessuun kan yaadatamuudha.

Qormaata kutaa 12ffaan qabxiii gaarii galmeessuuf karooran qo’achaa turuu ishee ibsteerti.

Gosa barnootaa hundaaf walqixa xiyyeeffannoo laachuun qophii taasisaa turuu eerteerti.

Xiyyeeffannoon yoo hojjetan wanti hin milkoofne kan hin jirre ta’uu himteerti.

Qabxiin argatte bu’aa dhamaatii ishee ta’uu maatiin ishee turtii Faanaa Biroodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin eeraniiru.

Hanan qabxii olaanaa galmeessuu isheetti daraan gammaduu ibsaniiru.

Barnoota isheef xiyyeeffannoo addaa kennuun waan qophaa’aa turteef bu’aa dhamaatii ishee argatte jedhan.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment