Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan qabsoon kaleessa gootota Oromoon finiine har’a misooma ta’eera jedhan.
Obbo Shimallis proojektii madda aannisaa Ifa Aduu Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiitti ijaarame wayita eebbisan qabsoon kaleessa gootota Oromoon finiine har’a misooma ta’eera jedhaniiru.
Hanga dhaloonni jirutti qabsoon itti fufa kan jedhan Obbo Shimallis.
Yaa ta’uutii qabsoon misoomaan deeggerame daraan miidhagaa ta’a jechuun dubbatan.
Ummanni Harargee Bahaa hojii bishaan cimmisuu lafa xiqqoo qaburratti eegaleen fakkeenya ta’uu kan eeran obbo Shimallis kunis hojii bishaan cimmisuu akka naannoo Oromiyaatti gara kuma 42 ol guddisuu ibsaniiru.
Aanniisaa ifa aduu har’a eebbifameef jiraattoonni naannichaa kunuunsa barbaadamu taasisuu irraa fayadamuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.