Qabsaa’aafi Artistiin Nuhoo Goobanaa boqate

Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Artistiin gameessi beekamaafi Jaallatamaan Nuhoo Goobanaa addunyaa kanarraa du’aan boqateera.

Nuhoon qabsoo guddina aartiifi Afaan Oromoof taasise cinaatti, hojiin inni qabsoo siyaasa Oromoo keessatti gumaache seenaa qabsoo sabichaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Nuhoon xannachi qabsoo Oromoo ilaalcha gandummaafi gartummaa Oromoo gidduu jiru ta’uu hubatee, artistii tokkummaa Oromootiif weelliseedha.

Nuhoo Goobanaa Magaalaa Dirree Dhawaa Qafiiraa Ganda Gaaraatti Abbaa isaa Obbo Mohaamamd Goobanaa fi Haadha isaa Faaxumaa Adam irraa dhuma bara 1940 keessa dhalate.

Maqaa Akaakayyuu isaatiin waamamuu waan Jaalatuuf jechas Nuhoo Goobanaa jedhamuun waamama.

‘Tokkummaa Tokkummaa Yaa Ilmaan Oromoo tokkummaa’ jechuun tokkummaa Oromoo fi Oromiyaaf weellisaa, qabsoo tokkummaa jajjabeessaa fi si’eessaa turera.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet boqochuu Artiisti Nuhoo Goobanaaf gaddi itti dhaga’amuu ibsuun maatii fi dinqisiifattoota isaa maraaf jajjabina hawweera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment