Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC)- Qabsa’aa gameessi Oromoo Obbo Bulchaa Dammaksaa du’aan boqochuun gadda guddaadha jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.
Biirichi ibsa baaseen, Obbo Bulchaa Dammaksaa Itiyoophiyaatti jijjiiramni akka dhufuuf namoota dhiibbaa taasisaa turan keessaa isaan tokko turan jedheera.
Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.
Taatee uumamaa ta’ee namonni dhalachuu, jiraachuufi du’aan boqochuun waan haaraa miti.
Namoonni hedduun garuu dhalatanii ofiif qofa osoo hin taane uummata isaaniif jiraatu.
Galma qabatanii ergamaan masakamanii uummata bara isaanii tajaajiluun kan aja’ibsiifamanis ni jiru.
Du’aan Addunyaa kanarraa kan boqotan qabsa’aan gameessi jijjiiramaaf kutannoo qaban obbo Bulchaa Dammaksaa Itoophiyaatti jijjiiramni akka dhufuuf namoota dhiibbaa taasisaa turan keessaa isaan tokko turan.
Obbo Bulchaa Dammaksaa hayyuu damee danigdeen biyya utubaa turaniifi siyaasa Itoophiyaas gama dhaabbatanii taajjabuufi qeequu osoo hin taane itti seenanii karaa nagaa qabsaa’uun gara jijjiiramaatti tarkaanfachiisuu wayya jechuun namoota gumaacha taasisaa turaniifi milkaa’an keessaa isaan tokko turan.
Yaadaafi qeeqa sababaawaa dhiyeessuun kan beekaman obbo Bulchaan beekumsa qaban dhalootaaf dabarsuufis kitaabolii garaa garaa barreessuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Jaalalaafi kabaja namoomaaf qabaniin kan beekaman obbo Bulchaan yeroo rakkinaatti Afaan Oromoo dubbachuufi dubbachiisuun hayyuu daandii saqanidha.
Hayyuu jabaa waan danda’an maraan biyyaafi Afrikaa tajaajilan, ejjennoo qabatan irratti bifa sababawaa ta’een cichoominaan kan beekaman, ummattoota walitti dhiyeessuuf kan tattaafatan, waan dhugaadha jedhanii itti amanan eessattiyyuu kan dubbatan nama fakkeenyummaa qabanidha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa boqochuu Obbo Bulchaa Dammaksaatiifi gaddi guddaan kan itti dhagaa’ame ta’uu ibsaa maatii isaaniifi firoottan hundaaf jajjabina hawwa.
Mudde 28/2017
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia