Qabiinsa raga qabiyyee lafaa ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2017 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi Ministirri Ministira Magaalaa fi Bu’uraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin hojii Riiformii fi Dijitaalaayizeeshinii Biiroo Bulchiinsaa fi misooma lafaa magaalaa Finfinnee daawwataniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee xiyyeeffannoo duraa kan kenneef dhaabbilee tajaajila uummataa kennan 16 adda baasee bara 2016 irraa eegalee hojii ijaarsa dhaabbilee fi riifoormii addaa rawwachaa jiraachuun isaa Aadde Adaanech ibsaniiru.

Dhaabbilee kanneen keessaa bulchiinsi misooma tajaajila lafaa saffisaa, dhaqqabaa, qulqullina kan qabu akkasumas gama dijitaalaayiz taasisuun hojiin eegalle bu’a qabeessa ta’uu isaa argineerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Tajaajilamtoota qaalii tajaajila rakkinni guddaa keessa ture hir’isuun murtee kan isa barbaachisu yoo hin taanerraa kan hafe bakkuma jirtan taatanii sirna tajaajilaamuu dandeessan kan diriirsine yoo ta’u tajaajilicha hubachuun karaa seera qabeessaan tajaajilamuu kan dandeessan ta’uusaan ibsa.

Tajaajilicha kanaan olitti olaanaa taasisuuf qaamota dhimmi ilaallatu waliin siistemicha qixa fayyadamuu akka danda’an isaanis hojii wal hubannaa hojjachuutti kan argamnu yoo ta’u amma liizii fi kaffaltii tajaajila lafaa dabalatee kaffaltiiwwan hundi nama dhuunfaa bira osoo hin gahiin karaa baankii fi teelee birrii akka kaffalamu taasisuu waan danda’eef itti tajaajilamaa jechuun dhaamaniiru.

Jalqabbii gaarii kana qaqqabaa taasisuuf caalmaatti cimsinee kan itti fufnu ta’a jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment