Qabeenyi Ummataa fi Mootummaa Birrii biiliyoona 2.2 ta’u qisaasa’e – KFMB

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) –Sadarkaa biyyatti Qabeenyi Ummataa fi Mootummaa Birrii biiliyoona 2.2 ta’u qisaasa’uu Koreen Farra Malaammaltummaa biyyaalessaa ibse.

Korichi raawwii hojii hanga ammaa gamaaggamaa jira.

Baatiwwan darban keessaa eeruwwan 759 koricha qaqqabuu walitti qabaan Koree Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xirunehiin ibsaniiru.

Eeruun 175 irratti qorannoon gaggeeffamuu eeruun 81 qorannoon isaanii xumuramuun galmeen himannaa gurmaa’uu dubbataniiru.

Namoota gochaa malaammaltummaan shakkaman 640 irratti himanni banamuu eeraniiru.

Eeruu kenname bu’uura gochachuun hojii qulqulleessuu hojjetameen qabeenyi ummataa fi Mootummaa Birriin biiliyoonni 2.2 qiaasa’uu mirkanaa’eera jedhan.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment