Qabeenyi albuudaa Gambeellaa guddina diinagdeef akka gumaachu hojjetamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Qabeenyi albuudaa Naannoo Gambeellaa sirnaan misoomee guddina diinagdeef akka gumaachu oomisha ammayyaa’aa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhame.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Takkaallinyi fi Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umod Ujuluun Naannoo Gaambeelaa Aanaa Diimaatti sochii hojiilee Dhaabbata Oomisha Albuudaa Itinoo Maayiniingi daawwataniiru.

Daawwannichaan, qabeenya albuudaa Naannoo Gaambeellaatti argamu sirnaan misoomsuun guddina diinagdeef akka gumaachuuf mala oomisha ammayyaa’aa irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira jedhameera.

Qabeenya albuudaa sirnaan itti fayyadamuun yoo danda’ame akka biyyatti jijjiiramaa barbaadamu fiduun akka danda’mu akeekameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment