Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa keessatti kan argaman qabeenyaalee bishaanii daangaa ce’oo ga’umsaan eeguu fi fayyadamuun guddina hawaasummaa fi diinagdee ummattoota biyyattiif murteessaa ta’uu hayyoonnii fi ogeeyyiin damecharratti qorannoo taasisan akeekkan.
Mata duree “Itti Fayyadama Qabeenya Bishaanii Gama Nageenya Biyyaalessaan” jedhuun qopheesummaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan waltajjiin marii Paanaalii gaggeeffameera.
Maricharratti barreeffama ka’umsaa kan dhiyeessan Injiinar Geediyoon Asfaawu, fedhii fayyadamaa bishanii ummataa Ityoophiya dabalaa dhufe guutuuf qabeenya bishaanii daangaa ce’anii guddina hawaasummaa fi diinagdeef oolchuun murteessaadha jedhan.
Fuuldurattis qabeenyaa bishaanii jiru ga’umsaan eeguu dhabuun nageenya biyyaalessaa fi itti fufiinsa biyyaan walqabatee rakkoo akka hordofsiisu ibsan.
Ittaanaan Daayrektara Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Obbo Taazeer Gabragzaabeer maricharratti, qabeenyaaleen sululaa daangaa ce’oon itti fufinsaa biyyaan waliin kan walqabatan ta’uu ibsan.
Kanaaf imaammataa fi tarsiimoo bishaanii walfakkaataa diriirsuun hojiirraa oolchuu fi imaammataa nageenya dhimma alaa keessatti akka hammachiifaman taasisuun barbaachisaadha jedhan.
Ajandaan bishaanii nageenya biyyaalessaa fi itti fufiinsa biyyaan waan walqabatuuf xiyyeeffannaa olaanaan kennamuu akka qabu eeruun, dhaabbilee tikaa fi nageenyaa dabaltee manneen hojii damechaa, baaftonni imaammataa, qorattoonnii fi hayyoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa garaagaraa hubannoo akka qabaatan taasisuun murteessaa ta’uu Obbo Taazeer ibsniiru.
Ogeeyyiin nageenyaa bishaaniirratti hojjetan itti fayyadama qabeenyaa bishaanii, karoora misooma magariisaa, nageenyaa hidhaalee fi qabeenya bishaaniirratti hubannoo hawaasaa gabbisuurratti qorannoo fi qo’annoo taasisuun, xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban dubbachuu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo ibsi FBC’f erge ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.