Qabeenya waraanaan manca’aa jiru dhaabbachuun dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaaf oolchuu ooluu qaba – Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaa

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) – Addunyaan qabeenya waraanaan mancaasaa jirtu dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaaf oolchuu akka qabdu Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaan ibsan.

Yaa’iin Waliigalaa 79ffaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa NiiwYoorkitti gaggeeffamaa jira.

Hoggantoonni Addunyaa nageenya buusuun dhiibbaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisaa jiru qolachuuf hojjechuu akka qaban haasawa Yaa’icharratti taasiisan Pireezidaanti Luulaan yaadachiisaniiru.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa hammaataa dhufe hoggantoota biyyoota addunyaa yaaddeessuu akka qabu hubachiisaniiru.

Nageenya buusuun qabeenya waraanarratti manca’aa jiru dhiibaa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf oolchuu akka qaban gaafataniiru.

Chaartarri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fooyya’insa kan barbaadu ta’uu kaasuun, Ameerikaan Kubbaa fi Afrikaan Mana Maree Nageenyaa ala ta’uun isaanii waan fudhatama hin qabne jedhan.

Waraanni Giddugaleessa Bahaatti babal’achaa dhufe dhaabbachuu akka qabu Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan hubachiisaniiru.

Wal waraansi Israa’eelii fi Hiizboolaa caalmaatti osoo hin babal’atanii dhaabbachuuf carraan qaban bal’aa ta’uu kaasaniiru.

Waraanni Giddugala Bahaatti gaggeeffamaa jiru karaa nagaan furamuu akka qabu hirmaattoonni yaa’ichaa ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment