Qabeenya Uumamaa Naannoo Afaaritti argamu fayyadamuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojiilee hojjetamaniif deeggarsi ni taasiifama – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Adoolessa 30, 2015 (FBC) – Qabeenya Uumamaa Naannoo Afaaritti argamu fayyadamuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojiilee hojjetamaniif mootummaan deeggarss kan taasiisu ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Obbo Ahimad Shiideen magaalaa Samaraatti tajaajila tola ooltummaa Gannaa jalqabsiisaniiru.

Hoggantootaa fi jiraattoota naannichaa waliinis dhimmoota misoomarratti mari’ataniiru.

Hojiilee misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran mootummaan deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment