Qabeenya uumamaa misoomsuun gargaaramummaa hambisuuf hojjetamaa jira-MMI Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan qabdu misoomsuun gargaaramummaa hambisuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Gamaaggamni raawwii guyyoota 100 bara baajatichaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera

Waltajjicha ilaalchisuun Obbo Tamasgeen Xurunaan akka jedhanitti, gamaaggamni raawwii guyyoota 100 kun raawwii dameewwan ijoo diinagdee gooroorratti kan xiyyeeffate ture.

Damee qonnaan, jallisii bonaan misooma ruuzii fi waliigalaan misoomaa midhaaniin oomishni olaanaan argamuu eeran.

Sagantaa maaddii guutuunis boqonnaan waliin gahiinsa nyaata madaalawaa fi aadaa soorataa akka jijjiiramuu taasisuu banamuu himan.

Inisheetiivii midhaan nyaatan of danda’uu hojiirraa oolchuu fi ummanni misoomaaf kutannoon akka ka’u waltajjiiwwan garaagaraa naannoleetti gaggeeffamuus yaadachiisan.

Seenaan gargaaramtummaa Itiyoophiyaa akka goolabamu ummata waliin ta’uun qabeenyaa jiru fayyadamuun oomishtummaa dabaluuf dammaqinaan kan hojjetamu ta’uu himan.

Gama biraatiin maqaa gaarii Magaalaa Finfinnee jijjiiruuf misoomnii kooriidarii qindoominaan hojiirraa ooluun bu’aa argamsiisuu kaasaniiru.

Muuxannoon kunis magaalotaa naannoleetti bal’inaan hojiirra oolfamaa akka jiru eeraniiru.

Damee indaastirii maanufaakchariingiin bu’aa qabeessummaa damee albuudaa guddisuuf dandeettii indaastiriiwwanii dachaan guddisuuf xiyyeeffannaan akka kennamu kallattiin ka’amuu dubbatan.

Kunis waggaa tokkoon boodaa damichi sharafa alaa olaanaa akka argamsisu haala mijataa kan uumu ta’uu eeran.

Barana guddinni diinagdee %7.9 ni galmaa’aan kan raagame milkeessuuf bu’aaleen akeektuu ta’an jiraachuu himanii, bara baajataa dhufu guddinni %8.3 gadi hintaane akka galmaa’uuf karoorfamuu himuu TOI gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment