Qabeenya uumamaa hawwata tuuriizimiif oolan qabnu beeksisuun dirqama-Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Qabeenya uumamaa hawwata tuuriizimiif oolan qabnu beeksisuun dirqama jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan.

Jila Afyaa’ota Naannoleefi Bulchiinsa Magaalota lamaan irraa baba’an bakkeewwan tuuriizimii Godina Baaleen keessaa Sanaateefi Tulluu Diimtuu daawwataniiru.

Yaa’ii 45ffaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti kan galmaa’e Paarkichi hawwattummaan isaa dabalaa dhufuun eerameera.

Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan akka jedhanitti Misoomni Tuuriizimii utubaa dinagdee biyyaafi naannoo oromiyaa ta’uu fi qabeenya dilbii, madda galii guddaa ta’ee osoo jiruu yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo osoo hin argatiin turuu yadachiisan.

Qabeenya uumamaa hawwata tuuriizimiif oolan naannichi qabu beeksisuun dirqama ta’uu dubbataniiru.

Af-yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Al-Qaadir hojiiwwan misoomaa godina Baalee keessatti hojjetamaa jiran baay’ee jajjabeessaa tahuu ibsuun Tuuristoonni bal’inaan akka daawwataniif bu’uuraaleen misoomaa guutamuu akka qaban kaasan.

Afyaa’iin Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa Aadde Tsahaay Worraasaa biyyoonni Addunyaa heddu iddoowwan hawwataa namtolcheen galii ol’aanaa argatu; Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa kan qabdu irraa hinfayyadamnee, bal’inaan irratti hojjechuu barbaachisa jedhan.

Olyaad Ahimadtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment