Qabeenya Turizimii Itiyoophiyaa roga maraan beeksiisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC) – Qabeenya Turizimii Itiyoophiyaa kallattii maraan beeksiisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Turizimii beeksiise.

Itiyoophiyaan seenaa, Aadaa, Teessumma lafaa hawwataa, Bineensota, hambaalee kiliyaa dabalatee qabeenya Turizimii hedduu qabaachuu Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasiisee Caaliin ibsaniiru.

Mootummaan yeroo ammaa Turizimiif xiyyeeffannoo addaa kenneen iddoolee ga’umsa Turizimii misoomsaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiin misoomaa Maaddii Shaggar, Maddiin biyyaaf akkasumas Maaddiin dhalootaaf kanneen akka fakkeenyatti eeraman ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment