Qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun baankileerraa liqeeffachuun yeroo gabaabaa keessatti akka eegalu ibsame

Finfinnee, Mudde 9, 2015 (FBC)-Sirni qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun baankileerraa liqeeffachuu yeroo gabaabaa keessatti akka eegalu Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa beeksise.

Labsiin qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun tajaajila liqii argachuun dhiyeenyatti akka ifoomu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasseen ibsaniiru.

Labsichi, keessumaa naannawaa baadiyyaa biyyattii fayyadamtoota kan taasisu yoo ta’u, baankileen biyya keessaa hanga ammaatti namoota kuma 330 kan hincaalleef liqii kennuu eeraniiru.

Baay’ina lammiilee biyyattiin yoo madaalamu gadaanaa waan ta’eef, yeroo ammaa rakkoo kana furuuf qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun tajaajila liqii kan kennisiisu labsiin ba’uun hojiirra oolchuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Keessumaa qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni, beeyladoota, lafa fi mirga abbaa lafummaa qabsiisuun liqiiwwan argachuu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Labsiin kunis dhiyeenyatti Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti akka ifoomu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment