Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan Abbootii qabeenyaa fi hoggantoota Ministeera Indaastirii waliin mari’ataniiru.
Qorannoorratti hundaa’uun Qabeenya kuufamaa naannichaa gara oomishaatti jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Awwal Aarbaan marichaan kaasaniiru.
Abbootii qabeenyaa naannichatti hojii misoomarratti bobba’uu barbaadaniif tumsa hunda galeessa kan taasiisan ta’uu eeraniiru.
Galteewwan biyya keessaa fayyadamuun keemikaalota bu’uuraa biyya keessatti oomishuuf Indaastirii oomishaa guddisuun murteessaa ta’uu ibsamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Afaarirraa argame ni mul’isa.