Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Qabeenya Aadaa fi Amantaalee biyya keenyatti argaman waan gaariif oolchuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsaniiru.
Obbo Qajeelaan magaalaa Finfinnee Hurufa Boombitti argamuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ityoophiyaan duudhaalee Amantaalee fi Aadaa boonsaa qabaachuu ibsaniiru.
Duudhaalee Amantaalee fi Aadaa boonsaa kanneen dhimmoota gaariif oolchuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Dhaabbileen Amantaalee siyaasa kamiiyyuurraa bilisa karaa ta’een hordoftoota isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.
Wayita Ayyaana Cuuphaa kabajamu kutaalee hawaasaa sababa waraanaa fi balaa uumaman qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deeggaruun kabajamuu akka qabu obbo Qajeelaan gaafataniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.