Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Qaaxxee badii nurratti aggaamame qolannee tokkummaa fi birmadummaa biyya keenyaa ni tiksina jechuun mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baaseera.
Guutuun ibsichaa akka argaan gadiin dhiyaateera
Humni Shororkeessaa TPLF waggoota digdamii torba (27) aangoo mootummaa qabatee ture keessatti lammilee biyya keenyaa hedduu gidiraa fi cunqursaa gita hin qabne irraan gahaa qabeenya biyyattii saamaafi saamsisaa turuun isaa ni beekama. Qabsoo qindaayaa keessaafi alaan taasifameefi waltajjii irratti yaadaan geggeeffameen yaada guddina siyaas-dinagdee biyya keenya madaalu maddisiisuu dadhabee kan injifatame murni TPLF bara 2010 aangoorraa darbamee. Qabsoon geggeeffameefi injifannoon argame biyyaafi lammiilee keenyaaf boqonnaa haaraa abdiin guutame banuu danda’eera.
Haa ta’u malee humni Shoororkeessaa TPLF aangoo mootummaa humnan dhuunfatee ture irraa fincila ummataafi qabsoo waltajjiin injifatamus, qabeenyaa bara aangoosaa saamee horate fayyadamuun, waggootan arfan darbaniif biyya keenya keessatti hookkaraa fi walitti bu’iinsa adda addaa uumuufi babal’isuun biyya keenya diiguuf humna qabu hunda fayyadamee hojjetaa tureera.
Humnoota shororkeessaa kan akka Shanee waliin ta’uun walitti bu’insa sabaafi amantaa uumuun jireenya lammiilee hedduu gaaga’eera. Gariin ajjeechaaf, gariin ammoo miidhama qaamaa, xiinsammuu fi qabeenyaaf saaxileera.
Humni shoororkeessaa TPLF, hokkaraa fi walitti bu’iinsa uumuun jireenya lammiilee gaaga’uu irra darbee, haleellaa gantummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti raawwateen, birmadummaa, nagaaa fi tasgabbii biyya keenyaa balaa guddaadhaaf saaxilee ture. Humni shoororkeessaa kun dhiyoo kana weerara Naannoo Amaaraafi Affaar irratti geggeesseen ummata kumoota dhibbaan lakkaa’aman qeyeefi qabeenyarraa buqqisuufi saamuun, dubartoota gudeeduun, ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun gar-jabummmaa gita hin qabne agarsiisee jira.
Humni shoororkeessaa TPLF ergamtoota isaa waliin ta’ee Itoophiyaa bittineessuuf dhaadate, abjuusaa dhugoomsuuf humna qabu hunda bobbaasuu qofa otoo hin taane diinota biyya keenyaa waliin hojjechaa jira. Ummanni Itoophiyaa dhimma birmadummaa biyyaarratti qaama kam waliin araarama hin qabne ilaalcha siyaasaan osoo hin qoqqodamiin, qaaxxee badii humni shoororkeessaa TPLF biyya keenyarratti aggaame tokkummaan ofirraa qolachaa jiru. Ummanni Naannoo keenyaas deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qabu “Lukkuu hanga lubbuutti” waan barbaachisu hunda kennaa tureera, ammas kennaa jira.
TPLF akkuma kaleessa amaleeffate sabaa fi sablammoota Itoophiyaa garaagarummaa xixiqqaan addaan qoodee shakkii gidduutti uumee bitaa ture, har’as tokkummaa keenya laaffisuuf olola sobaa oomishuu fi rabsuu itti fufeera. Keessayyuu hariiroo obbolummaa ummata Oromoo fi Amaaraa gidduu jiru laaffisuuf shirri inni hin xaxne, olola inni hin ololle, summii jibbinsaa inni hin facaasne hin jiru. Haa ta’u malee ummanni Oromoo fi Amaaraa akkuma kaleessa sabaaf sablammoota Itoophiyaa biroo waliin kufanii ka’anii Itoophiyaa guddittii ijaaran har’as humnoota farra tokkummaa ummataafi biyyaa ta’an, kan nagaa fi tasgabbii biyya keenyaa balaaf saaxilan, diinota keessaafi alaa ofirra qolachuuf yeroo kamiinuu caalaa wal bira dhaabbatanii qabsa’aa jiru.
Ummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa haleellaa Raayyaan Ittisa Biyyaa garee shoororkeessaa TPLF dhabamsiisuuuf tibbana fudhachaa jiru tumsaa, deeggarsa barbaachisaa ta’e hunda kennaa akkasumas ergamtuu wayyaaanee kan ta’e garee shoororkeessaa shanee naannoo keenya keessaa dhabamsiisuuf humna ummataafi mootummaa qindeessinee hojjechuu irratti argama. Ummanni naannoo keenyaa, akkuma kaleessa tokkummaa keessan eegdanii injifannoo diinota keessaafi alaa irratti galmeessitan, har’as tokkummaan humnoota farra biyya keenyaa ta’an dhabamsiisuun badhaadhina biyya keessani akka milkeessitan shakkii hin qabnu.
Dhumarratti, ummanni Oromoo sabaa fi sablammoonni naannoo keenya keessa baroota dheera nagaan jiraatan waliin ta’uun, humnoota badii lammiile giddutti shakkii facaasanii fi jibba tamsaasan hadheeffatanii irratti qabsaa’uun; misoomaa fi guddina naannoo keenyaatiif ilaa fi ilaameen wal bira dhaabbattanii hojjachuun yeroo kamiinu caalaa har’a barbaachisaa dha.
Keesummaayyuu humnoota nageenyaa naannoo keenyaa waliin ta’uun nagaa fi tasgabbii qe’ee keessannii dammaqinaan akka eeggattan, deeggarsa gooticha Rayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf gocha jirtanis cimsitanii akka itti fuftan Mootummaan Naannoo Oromiyaa irra deebiin waamicha isa dhiyeessaa.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Onkololess 19, bara 2014
Finfinnee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.