Qaamoleen tajaajila haqa-qabeessa ummataaf hin laanne seeraan gaafatamu – BMNO

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) –Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa ibsa ejjennoo baaseen qaamoleen tajaajila haqa-qabeessa ummataaf hin laanne seeraan kan gaafataman ta’uu ibseera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Mootummaan imaanaa ummanni itti kenne galmaan ga’uufi itti quufinsa ummataa mirkaneessuuf caasaa isaa sadarkaan jiran qindeessee halkaniifi guyyaa hojjetaa jira.
Dheebuu misoomaa ummanni qabu guutuufis xiyyeeffannaa addaa kennee galma ga’iinsa isaaf ummata hirmaachisuun bu’aa qabatamaa fiduu eegaleera.
Bu’aa gama kanaan argames caalmaatti lafa qabsiisuuf mootummaan rifoormiifi gurmaa’insa haaraa siivil sarvisii hanga gadiitti diriirsuun ummata isaatti dhiyaatee tajaajila barbaachisu kennuu eegaleera.
Mootummaan haaluma ummataaf waadaa seeneen rakkoo bulchiinsa gaarii darbee darbee muul’atu furuun ummanni tajaajila si’ataa fi qulqulluu qabu akka argatuuf xiyyeefannaan hojjechuun cinatti bakka rakkoon muul’atuttis sirna itti gaafatamummaa hordofiisu diriirsee jira.
Akkuma beekamu geggeesitoonniifi hojjettoonni mootummaa quuqama ummataa qabaniifi rakkoon ummataa isaanii itti dhaga’amee hojjetan akkuma jiran, kanneen lakkoofsi isaanii xiqqaa hin taane ammoo tajaajila ummanni barbaadu dhowwachuun ummata boossisaa oolanis jiru.
Seekteroota tajaajila ummataaf kennuuf sadarkaan hundeeffaman keessatti gaggeessitoonnis ta’ee hojjettoonni mootummaa ogummaa fi qajeelfama akkasumas barnootaa fi muuxannoo qabaniin fedhii ummata isaanii guutuuf ramadamanii itti gaafatamummaan hojjechuuf waadaa galuun isaanii ni yaadatama.
Kun kana ta’ee utuu jiruu bakka hedduutti garuu hawaasni tajaajila seekteroota mootummaa keessatti argachuu malu dhabee dhimma yeroo gabaabaatti fixachuun danda’u deddeebisuun ni mul’ata.
Wayita kanas namni tajaajila barbaadu sun baasii hin malleef saaxilamuun cinatti hojii misoomaa irratti bobba’ee diinagdee biyyaa fi dhuunfaa isaa fooyyeessuu danda’u akka qisaasessu taasisa.
Kanneen seekteroota mootummaa keessa ta’anii kana godhanis akka jiran komiin ummata irraa ka’u ni hubachiisa.
Iddoo tokko tokkotti hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa hojii isaanii qixaan raawwachuu dhabuun abbaa dhimmaa deddeebisan, waajjira cufanii diida keessa oolan, kanneen abbaa dhimmaa harka keessa ilaalan, kanneen yeroo hojii hin kabajne, tajaajila haqa-qabeessa hin laanne… jiraachuun osoo beekamuu tarkaanfii fudhchuun sirreessuu mannaa akka nama hin agarreefi hin dhageenyee maal na dhibdeen bira darbuun ni mul’ata.
Yeroo ammaa wayita diinni keessaa fi alaan ummataa fi biyya keenya irratti wal ijaaranii socho’aa jiran kanatti gaggeessaas ta’e hojjetaan mootummaa tajaajila kennuu malu dhowwatee ummata hiraarsu diina biyyattii irraa adda baafamee hin ilaalamu.
Hoggantoonni seekteralee sadarkaan jiraniifi dursitoonni garees amala kaleessaan kana booda deemmuun akka hin danda’amne hubachuun naaf hooqi siifan hooqaafi ittiin bulinnaa keessaa ba’uun hojjettoota isaanii sirriitti hordofuun hojmataan to’achuu qabu.
Wayita tokko lubbuu isaa aarsaa gochuun birmadummaa biyyaa eeguuf adda waraanaatti duulu, ummanni lukku hanga lubbuutti ofitti murteesee daangaa hanga daangaatti tokkuummaan birmadummaa biyyaaf dhaabbatutti kaan ammoo seektera mootummaa keessa taa’ee Birrii sabbata haadha iyyeessaa irraa gibira funaanamuun xiqqaatus guuddatus miindaa osoo argachaa jiruu ummata isaa meeshaa sagalee hin qabneen waraanuun yakka hamaa ta’uu cinatti seenaan kan isa gaafatuu fi ceephoo sammuu isaa keessaa ba’uun kan hin dandeenyeedha.
Namoonni tajaajila si’ataa fi haqa-qabeessa ummataaf hin laannes tumsitoota diinaa waan ta’aniif itti gaafatamummaa jalaa hin ba’an.
Kanaafuu kirasassaabdota seekteraalee mootummaa keessa da’eeffatanii hanga abbaan dhimmaa harkaan deemutti tajaajila dhowwachuun ummata keenya rakkisan qorachuun akkasumas ummannis baasee saaxiluun, seeraaf dhiyeessuun dhimma yeroon itti kennamu miti.
Qaamonni kana godhanis seeratti dhiyaatanii itti gaafatamuu akka qaban hubachuu qabu.
Hoggantoonni fedhii hojii qabanii fi ummata isaanii haala gaariin tajaajiluun to’annoo fi hordoffii cimsuun diinota dhokatanii ummata, biyyaa fi mootummaa haleelan kanneenii fi tumsitoota diinota alaa fi keessaa saaxiluun hoj-maata jiruun akka gaafataman gochuun biyya nagaa fi tasgabbooftuu kan ummanni tajaajila sirrii itti argatu uumuuf ga’ee isaanii ba’achuu qabu.
Qaamoleen mana hojii mootummaa keessa ta’anii ta’e jedhanii ummata boossisan itti gaafatamuu waan qabaniif koreen “taaksi foorsii” itti aanaa preezdaantii BMNO tiin hoogganamu hanga sadarkaa gadiitti hundeeffamee hojiitti galameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment