Qaamoleen nageenyaa hundi dandeettii fi ga’umsa fooyya’aarratti argamu, diinni keenya kana hubachuu qabu- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Qaamoleen nageenyaa hundi dandeettii fi ga’umsa fooyya’aarratti kan argaman ta’uu fi  diinni kana hubachuu akka  qabu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hubachiisan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad sagantaa qaamolee nageenyaaf beekkamtii kennuu mootummaan naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti qopheesserratti argamaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad  sagantiacharratti qaamolee nageenyaa fi dhaabbileef badhaasa laataniiru.

Tokkummaan kaayyoo tokkoof dhaabbachuun rakkoolee jiran ce’uun badhaadhinaa waaraa galmeessuuf humna ta’a jedhan.

Yeroo ammaa humnoonni addaa naannolee hundaa dandeettii fi ga’umsa fooyya’aa irratti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Humnoonni kunneen  dandeettii fi ga’umsa fooyya’aarratti argamuun nageenya, tokkummaa fi birmadummaa Ityoophiyaaf wabii ta’uu kaasaniiru.

Diinonni Ityoophiyaa kana osoo hin hubatiin Ityoophiyaanonni sabaan,afaaniin, amantaanii fi siyaasaan qoqqoodamaniiru jechuun dogoggora akka hin uumneef of eeggannoo taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaanonni kanaan duras sabaan, amantaan, afaanii fi yaadama siyaasaa  garaagaraa  qabaachuu eeruun, garaagarummaan isaanii Ityoophiyaaf wareegamuu irraa  isaan hin daangessine jedhan.

Ityoophiyaanonni Ityoophiyummaan walitti qabamanii biyya bilisa akkuma dhaalchisan har’as naannolee, saboota, amantaalee fi yaadama siyaasaa garaagaraarraa walitti babba’anii diinonni birmadummaa Ityoophiyaa tuquu yoo barbaadan waliin kan dhaabbatanii fi birmadummaa isaanii kan kabachiisan ta’uu diinonni baruu akka qaban yaadachiisaniiru.

Dirree waraanaa garee shororkeessaa ABUT waliin tureen raayyaan ittisaa, poolisiin federaalaa, humnoonni addaa, qaamoleen maqaa garaagaraa qabanii fi uffata seeraa addaa addaa uffatan  tokkummaan diina salphisuu fi bilisummaa biyyaa itti fufsiisuu eeraniiru.

Badhaasni guyyaa har’aa laatame dhiigaa fi lubbuu isaanii kan kaffalan akkasumas Ityoophiyaanoota hunda maallaqaa fi beekumsa isaaniin biyyasaaniif ga’ee isaanii ba’ataniif kan kenname ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment