Qaamoleen ittigaafatama hinqabne ajandaa siyaasaa hamaaf jecha himannaa bu’uura hinqabne uumaa jiran Ityoophiyaan ni balaaleffatti-TKM

Finfinnee, Onkololeessa18, 2015 (FBC)- Qaamoleen ittigaafatama hinqabne ajandaa siyaasaa hamaaf jecha himannaa bu’uura hinqabne uumaa jiran Ityoophiyaan ni balaaleffatti jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichii Ibsa baaseen biyyoonni Lixaa karaa qaamolee garaagaraa maqa balleessii sobaa Ityoophiyaarratti odeessaa jiran Mootummaan Ityoophiyaa gonkuma obsaan hinilaalu jedheera.

Qaamoleen kunneen Ityoophiyaa keessatti yakkoonni hammaataan raawwatamu malu jechuun olola ABUT yeroon itti darbee irra deddeebi’uun qaanessaadha jedheera.

Himannaan qaamolee kanneenis ragaa yookaan maddeen qabatamaa bu’uureffachuun akka hintaane ibsuun, kunis tilamaamaa hineegamne ta’uu ibseera.

Kan hedduu nama gaddisiisu ammo dhaabbileen maqaa gaarii qaban utuu hinhafne olola Ityoophiyaarratti qindeessanii tamsaasan mormuu dadhabuu isaanii ta’uu eereera.

Dhaabbileen muraasnis maqaa balleessii waa’ee Ityoophiyaaf dubbatan amanuun gowwoomfamuu kan tilamaamu ta’uu ibsuun, qaamoleen tokko tokko ammo himannaa sobaa kanaan Ityoophiyaa jilbeenfachiisuuf itti fayyadamuu barbaadu jedheera.

Himannaa rifaasisaa akkanaa dhiyeessuun kallattii tarkaanfii mootummaan garee shororkeessaa ABUT irratti fudhachaa jiru jijjiiruu danda’a jedhanii yoo kan yaadan ta’e, dogoggoraniiru jedha ibsi tajaajilichaa.

Tokko tokko wanta danda’an hunda raawwachuun garicha baraaruuf waldeeggaraa jiraachuu kaaseera.

Aanga’oota biyyoota Lixaa tokko tokko dabalatee himannaa sobaa kana kan afarsan Ityoophiyaan ajaja isaanii hinfudhadhu waan jetteef ta’uu ifatti dubbachuu eegaluu ibseera.

Himanni sobaa kun dhugaa lafarra jiru tasumaa jijjiiruu kan hindandeenye ta’uus kaaseera.

Dhaabbilee gurguddoon kunneen hubannoo gahaa osoo hinqabaatiin duula sobaa kanarratti hirmaachaa jiru jedhameera.

Himannaa balaaleffatamuu qabu akkanaa kaayyoo siyaasaaf oolchuun isaanii miirri itti gaafatamummaa kan itti hir’atuu fi qaanessaa ta’uu eerameera.

Mootummaan Ityoophiyaa gochaa maqaa balleessii hamaa akkanaaf deebii osoo hinkenniin obsaan bira darbuun waan hindanda’amneef hariiroo biyyootaa fi dhaabbilee himannaa hinmirkanoofnee fi kaayyoo siyaasaa qabu dhiyeessan waliin qabu irra deebiin xiinxaluuf dirqamuu ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa jalqabuma ifatti akka beeksise marii nageenyaa gama Gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa jiruuf kutannoo qabaachuu tajaajilichi ibseera.

Sababani isaa walitti bu’iinsicha karaa naga qabeessa ta’een furuuf ejjennoo cimaa qabaachuu eereera.

Gama biraan sarbama mirga namoomaa sababa walitti bu’iinsichaan uumaman itti gaafatamtoota taasisuuf murannoon kan hojjetu ta’uu addeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment